۞إِنَّ ٱللَّهَ ٱصۡطَفَىٰٓ ءَادَمَ وَنُوحٗا وَءَالَ إِبۡرَٰهِيمَ وَءَالَ عِمۡرَٰنَ عَلَى ٱلۡعَٰلَمِينَ
الأورومية | afaan oromoo
gRabbiin Aadamiin filatee maleykota isaaf sujuuchise. Nuuhiinis filatee jalqaba ergamaa gara dachiitti ergamee taasise. Maatii Ibraahiim filatee nabiyyoota gosa isaa keessaa taasise. Maatii Imraanis filateera. Warra kana hundayyuu filatee ummata bara isaaniirra isaan caalchise.
ذُرِّيَّةَۢ بَعۡضُهَا مِنۢ بَعۡضٖۗ وَٱللَّهُ سَمِيعٌ عَلِيمٌ
الأورومية | afaan oromoo
hNabiyyoonniifi ilmaan isaanii isaan hordofan irraa warri dubbataman kun isaan ilmaan gariin isaanii garii irraa Rabbiin tokkoomsuufi hojii gaarii irratti wal irraa dhufaniidha. Garii isaanii irraa kabajaafi haala gaarii dhaalu. Rabbiin dubbii gabroottan isaa dhagahaadha; gocha isaaniis beekaadha. Kanaafuu isaan irraa abbaa fedhe filata.
إِذۡ قَالَتِ ٱمۡرَأَتُ عِمۡرَٰنَ رَبِّ إِنِّي نَذَرۡتُ لَكَ مَا فِي بَطۡنِي مُحَرَّرٗا فَتَقَبَّلۡ مِنِّيٓۖ إِنَّكَ أَنتَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ
الأورومية | afaan oromoo
Yaa ergamichaa! ogga niitiin Imraan haati Maryam ‘yaa Rabbiin ani ulfa garaa kiyya keessa jiru waan hunda irraa bilisa ta‘ee ibaadaa keetiifi mana kee tajaajiluudhaaf suma qofaaf taasisuu dirqama of irratti godheera; narraa qeebali. Ati du‘aa‘ii dhagahaadha; niyyaa kiyyas beekaadha‘ jette san dubbadhu.
فَلَمَّا وَضَعَتۡهَا قَالَتۡ رَبِّ إِنِّي وَضَعۡتُهَآ أُنثَىٰ وَٱللَّهُ أَعۡلَمُ بِمَا وَضَعَتۡ وَلَيۡسَ ٱلذَّكَرُ كَٱلۡأُنثَىٰۖ وَإِنِّيسَمَّيۡتُهَا مَرۡيَمَ وَإِنِّيٓ أُعِيذُهَا بِكَ وَذُرِّيَّتَهَا مِنَ ٱلشَّيۡطَٰنِ ٱلرَّجِيمِ
الأورومية | afaan oromoo
Ogga deessu, duraan dhiira ta‘uu isaa kajeelaa turte, ‘yaa Rabbi ani dubran dahe‘jette. Rabbiin waan isheen deesse akkaan beeka. Dhiirri inni isheen hawwaa turte humnaafi uumama keessatti akka dubra isheedhaaf kennameetii miti. ‘Ani maqaashee Maryam jedheen ishee moggaase; ani isheefi ilmaan ishee shayxaana rahmata kee irraa ari‘ame irraa siinin tiksa‘ jette.
فَتَقَبَّلَهَا رَبُّهَا بِقَبُولٍ حَسَنٖ وَأَنۢبَتَهَا نَبَاتًا حَسَنٗا وَكَفَّلَهَا زَكَرِيَّاۖ كُلَّمَا دَخَلَ عَلَيۡهَا زَكَرِيَّا ٱلۡمِحۡرَابَ وَجَدَعِندَهَا رِزۡقٗاۖ قَالَ يَٰمَرۡيَمُ أَنَّىٰ لَكِ هَٰذَاۖ قَالَتۡ هُوَ مِنۡ عِندِ ٱللَّهِۖ إِنَّ ٱللَّهَ يَرۡزُقُ مَن يَشَآءُ بِغَيۡرِ حِسَابٍ
الأورومية | afaan oromoo
kRabbiin nazrii ishee qeebaltii gaariidhaan irraa qeebale. Guddina gaarii ishee guddise. Qalbiin warreen gaggaarii hunduu ishee mararfate. Guddisa ishee gara Zakariyyaatti dabse. Zakariyyaan hanguma bakka ibaadaatti isheerra seenuun ishee biratti soorata gaarii arge. Isheedhaan ‘yaa Maryam kun eessaa siif argame?‘jedhe. Deebii isaa keessatti ‘sooranni kun Rabbiin biraayi; Rabbiin abbaa fedhe herregaan maleetti soorata bal‘aa soora‘ jette.
وَإِذۡ قَالَتِ ٱلۡمَلَـٰٓئِكَةُ يَٰمَرۡيَمُ إِنَّ ٱللَّهَ ٱصۡطَفَىٰكِ وَطَهَّرَكِ وَٱصۡطَفَىٰكِ عَلَىٰ نِسَآءِ ٱلۡعَٰلَمِينَ
الأورومية | afaan oromoo
pYaa ergamichaa! Ogga Maleykaan Maryamiin ‘sababa amala gaarii ati qabduuf Rabbiin si filate; hanqina irraa si qulqulleesse; dubartoota bara keetii hundarras si filate‘ jettu ummataaf dubbadhu.
يَٰمَرۡيَمُ ٱقۡنُتِي لِرَبِّكِ وَٱسۡجُدِي وَٱرۡكَعِي مَعَ ٱلرَّـٰكِعِينَ
الأورومية | afaan oromoo
qYaa Maryam! Salaata keessa dhaabachuu baay‘isi; Rabbii keetiif sujuudi. Gabroottan Isaa gaggaarii warra rukuu‘a bu‘an waliin rukuu‘a bu‘i.
ذَٰلِكَ مِنۡ أَنۢبَآءِ ٱلۡغَيۡبِ نُوحِيهِ إِلَيۡكَۚ وَمَا كُنتَ لَدَيۡهِمۡ إِذۡ يُلۡقُونَ أَقۡلَٰمَهُمۡ أَيُّهُمۡ يَكۡفُلُ مَرۡيَمَ وَمَا كُنتَلَدَيۡهِمۡ إِذۡ يَخۡتَصِمُونَ
الأورومية | afaan oromoo
rOduun waa‘ee Zakariyyaafi Maryam sitti dubbannu kun oduu fagoo irraayi gara keetti beeksisa godhaarra. Ogga beektoleefi warri gaggaariin eenyu akka Maryamiin guddisuu qabu irratti wal falman isaan bira hin jirtu. Isaan hixaa buufatan. Carrachaan Zakariyyaatu milkaa‘e.
إِذۡ قَالَتِ ٱلۡمَلَـٰٓئِكَةُ يَٰمَرۡيَمُ إِنَّ ٱللَّهَ يُبَشِّرُكِ بِكَلِمَةٖ مِّنۡهُ ٱسۡمُهُ ٱلۡمَسِيحُ عِيسَى ٱبۡنُ مَرۡيَمَ وَجِيهٗا فِيٱلدُّنۡيَا وَٱلۡأٓخِرَةِ وَمِنَ ٱلۡمُقَرَّبِينَ
الأورومية | afaan oromoo
Yaa ergamichaa! Ogga maleykaan Maryamiin ‘Rabbiin ilma uumamni isaa abbaadhaan malee kan jechuma Rabbii ‘ta‘i‘ jedhu qofaan ilmoo ta‘uun si gammachiisa; maqaan daa‘ima kanaa Iisaa ilma Maryami. Inni addunyaafi aakhiraatti kabajaa guddaa qaba. Warra gara Rabbii dhiheeffamu irraayi ta‘as‘jettu yaadadhu.
وَيُكَلِّمُ ٱلنَّاسَ فِي ٱلۡمَهۡدِ وَكَهۡلٗا وَمِنَ ٱلصَّـٰلِحِينَ
الأورومية | afaan oromoo
tOdoo daa‘ima xiqqoo dubbachuu hin geenye ta‘ee jiruu namootaan dubbata. Ammas ga‘eessas ta‘ee ogga humni isaa guute namootaan ni dubbata. Waan addunyaafi aakhiraa isaaniitti bu‘aa namootaaf qabu isaanitti dubbata. Inni jechaafi gocha isaa keessatti warreen gaggaarii irraayi.
قَالَتۡ رَبِّ أَنَّىٰ يَكُونُ لِي وَلَدٞ وَلَمۡ يَمۡسَسۡنِي بَشَرٞۖ قَالَ كَذَٰلِكِ ٱللَّهُ يَخۡلُقُ مَا يَشَآءُۚ إِذَا قَضَىٰٓ أَمۡرٗا فَإِنَّمَايَقُولُ لَهُۥ كُن فَيَكُونُ
الأورومية | afaan oromoo
Maryam akkamumattin abbaa manaatiin maleetti ilma argadha jechuu ajaa‘ibsiifattee ‘odoo dhiirri tokkollee halaalaan ta‘ee haraamaan natti hin dhihaatin akkamumattin ilma argadha?‘ jette. Maleykachis ‘Rabbiin akkuma abbaadhaan maleetti ilmoo siif uumuuf jiru waan aadaa faallessu waan fedhe uuma. Yeroo waan tokko fedhe ‘ta‘i‘ jennaan ta‘a; wanti isa dadhabsiisu hin jiru‘jedhe.
وَيُعَلِّمُهُ ٱلۡكِتَٰبَ وَٱلۡحِكۡمَةَ وَٱلتَّوۡرَىٰةَ وَٱلۡإِنجِيلَ
الأورومية | afaan oromoo
vBarreeffama, jechaafi gocha keessatti dhugaa qunnamuu isa barsiisa; Tawraatiin isa Muusaa irratti buuses isa barsiisa. Injiiliin kan siichi isarratti buusuu taa‘us isa barsiisa.
