وَبِكُفۡرِهِمۡ وَقَوۡلِهِمۡ عَلَىٰ مَرۡيَمَ بُهۡتَٰنًا عَظِيمٗا
الأورومية | afaan oromoo
zSababa kufrii, kijibaafi cubbuun Maryamiin zinaadhaan bir‘achuu isaanii isaan abaarre.
يَـٰٓأَهۡلَ ٱلۡكِتَٰبِ لَا تَغۡلُواْ فِي دِينِكُمۡ وَلَا تَقُولُواْ عَلَى ٱللَّهِ إِلَّا ٱلۡحَقَّۚ إِنَّمَا ٱلۡمَسِيحُ عِيسَى ٱبۡنُ مَرۡيَمَ رَسُولُٱللَّهِ وَكَلِمَتُهُۥٓ أَلۡقَىٰهَآ إِلَىٰ مَرۡيَمَ وَرُوحٞ مِّنۡهُۖ فَـَٔامِنُواْ بِٱللَّهِ وَرُسُلِهِۦۖ وَلَا تَقُولُواْ ثَلَٰثَةٌۚ ٱنتَهُواْ خَيۡرٗا لَّكُمۡۚ إِنَّمَاٱللَّهُ إِلَٰهٞ وَٰحِدٞۖ سُبۡحَٰنَهُۥٓ أَن يَكُونَ لَهُۥ وَلَدٞۘ لَّهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۗ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ وَكِيلٗا
الأورومية | afaan oromoo
Yaa ergamichaa! Nasaaraa abbootii Injiiliin ‘amantii keessan keessatti daangaa hin tarinaa; waa‘ee Iisaa keessatti dhugaa malee Rabbirratti hin dubbatinaa. Almasiih Iisaan ilma Maryam ergamaa Rabbii kan Inni dhugaan isa ergeedha. Jecha Isaa ishee kallattii Jibriiliin gara Maryam ergeen isa uume. Innis ‘ta‘i‘ kan jedhu ture. Achumaan ta‘e. Ruuhii Rabbiin biraa taate Jibriil ajaja Rabbiitiin isheetti afuufe. Rabbiifi ergamoota Isaa hundattuu amanaa. Gabbaramaan sadii hin jedhinaa. Jecha kijiba badduu kana irraa dhorgamaa. Dhorgamuun keessan addunyaafi aakhiraatti isiniif gaariidha. Rabbiin gabbaramaa tokkicha shariikaafi ilma irraa qulqullaa‘eedha. Inni dureessa. Mootummaan samii, kan dachiifi waan jidduu isaan lamaanii jiruu kan isaati. Waan samiifi dachii keessa jiruun dhaabbachuudhaaf Rabbiin gahaadha.
