التصنيفات
القرآن الكريم

المختصر في التفسير afaan oromoo سورة [المائدة]

لَّقَدۡ كَفَرَ ٱلَّذِينَ قَالُوٓاْ إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلۡمَسِيحُ ٱبۡنُ مَرۡيَمَۚ قُلۡ فَمَن يَمۡلِكُ مِنَ ٱللَّهِ شَيۡـًٔا إِنۡ أَرَادَ أَن يُهۡلِكَٱلۡمَسِيحَ ٱبۡنَ مَرۡيَمَ وَأُمَّهُۥ وَمَن فِي ٱلۡأَرۡضِ جَمِيعٗاۗ وَلِلَّهِ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَاۚ يَخۡلُقُ مَايَشَآءُۚ وَٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ

الأورومية | afaan oromoo

Warri nasaaraa irraa Rabbiin Iisaa ilma Maryam jedhan dhugumatti kafaraniiru. Yaa ergamichaa! Eenyumatu yoo Rabbiin Almasiih Iisaa ilma Maryam kanas haadha isaatiifi namoota dachii keessaa hundayyuu dhabamsiisuu yoo fedhe eenyutu Isa dhorguu dandaa? jedhiin. Yeroo namni tokkollee sana hin dandau tae inni gooftaa tokkicha haqaan gabbaramaan isa malee kan hin jirre; uumamni hunduu Iisaafi haadha isaa dabalatee gabricha isaatii akeeka. Mootummaan samii, dachiifi wanta jidduu isaan lamaanii kan Rabbiiti. Waanuma fedhe uuma. Waan inni uumuu fedhee uume keessa tokko Iisaadha; inni gabricha Rabbiitiifi ergamaa Isaati. Rabbiin waan hunda irratti dandaaadha. 

مَّا ٱلۡمَسِيحُ ٱبۡنُ مَرۡيَمَ إِلَّا رَسُولٞ قَدۡ خَلَتۡ مِن قَبۡلِهِ ٱلرُّسُلُ وَأُمُّهُۥ صِدِّيقَةٞۖ كَانَا يَأۡكُلَانِ ٱلطَّعَامَۗ ٱنظُرۡكَيۡفَ نُبَيِّنُ لَهُمُ ٱلۡأٓيَٰتِ ثُمَّ ٱنظُرۡ أَنَّىٰ يُؤۡفَكُونَ

الأورومية | afaan oromoo

W Almasiih ilma Maryam ergamaa ergamoota keessaa tokko tae malee homaa miti. Duuti isaan qunname isas ni qunnama. Haati isaa Maryamaan dhugaa dubbachuufi dhugumeessuu baayatti. Isaan lamaanuu nyaata nyaatu turan. Akkamumatti odoo nyaatatti haajomanuu gabbaramaa tau? Yaa ergamichaa! Akka nuti ragaa tokkummaa Rabbii ibsinuufi dhara isaan daangaa taranii gabbaramummaa waan Rabbiin malee jiruuf kennan dhabamsiisu ibsinu ilaalii xinxali. Isaan kana waliin aayatattii kana mormu. Sana boodas akkamitti akka isaan ragoolee iftuu tokkummaa Rabbii akeektu kanaa waliin haqa irraa deebifamanu ilaalii xinxali. 

إِذۡ قَالَ ٱللَّهُ يَٰعِيسَى ٱبۡنَ مَرۡيَمَ ٱذۡكُرۡ نِعۡمَتِي عَلَيۡكَ وَعَلَىٰ وَٰلِدَتِكَ إِذۡ أَيَّدتُّكَ بِرُوحِ ٱلۡقُدُسِ تُكَلِّمُ ٱلنَّاسَفِي ٱلۡمَهۡدِ وَكَهۡلٗاۖ وَإِذۡ عَلَّمۡتُكَ ٱلۡكِتَٰبَ وَٱلۡحِكۡمَةَ وَٱلتَّوۡرَىٰةَ وَٱلۡإِنجِيلَۖ وَإِذۡ تَخۡلُقُ مِنَ ٱلطِّينِ كَهَيۡـَٔةِ ٱلطَّيۡرِبِإِذۡنِي فَتَنفُخُ فِيهَا فَتَكُونُ طَيۡرَۢا بِإِذۡنِيۖ وَتُبۡرِئُ ٱلۡأَكۡمَهَ وَٱلۡأَبۡرَصَ بِإِذۡنِيۖ وَإِذۡ تُخۡرِجُ ٱلۡمَوۡتَىٰ بِإِذۡنِيۖ وَإِذۡكَفَفۡتُ بَنِيٓ إِسۡرَـٰٓءِيلَ عَنكَ إِذۡ جِئۡتَهُم بِٱلۡبَيِّنَٰتِ فَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِنۡهُمۡ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا سِحۡرٞ مُّبِينٞ

الأورومية | afaan oromoo

Ogga Rabbiin Iisaadhaan dubbatee yaa Iisaa ilma Maryam! Tola kiyya ani sitti oole oggan abbaadhaan malee si uume, tola ani haadha kee Maryam irratti oole oggan dubartoota bara ishee irra caalchisee ishee filadhu sana  yaadadhu. Akkasumas tola kiyya kan ogga Jibriiliin si jabeessinaan daaimummaan gara Rabbitti isaan waamtuufi gaeessummaan namootaan dubbattu, kan ogga ani barreeffama si barsiisuu, Tawraatiin ishee Muusaa irratti buuseefi Injiiliin kan sirratti buuse si barsiise akkasumas iccitii shariiaafi kaayyoo isaa si barsiisu sirratti oole, ammas tola Rabbiin sirratti oole irraa ati dhoqqee irraa boca fakkii allaattii tolchitee ergasii ishee keessatti afuuftee eeyyama kiyyaan allaattii taa; nama jaamummaan dhalate fayyifta; lamxii ni fayyifta; gogaa nagaa godhata; duaaii kee Rabbiin kadhattuun duaa fayyiftu hunda yaadadhu; hundi kunuu eeyyama kiyyaani. Ammas tola ani sirratti oole irraa kan biroo ogga Baniin Israaiil ati ragaa ifaadhaan isaanitti dhufnaan kafaranii wanti Iisaan ittiin dhufe kun sihrii ifaadha jedhanii si ajjeesuu fedhan sirraa deebisuudha.

وَإِذۡ قَالَ ٱللَّهُ يَٰعِيسَى ٱبۡنَ مَرۡيَمَ ءَأَنتَ قُلۡتَ لِلنَّاسِ ٱتَّخِذُونِي وَأُمِّيَ إِلَٰهَيۡنِ مِن دُونِ ٱللَّهِۖ قَالَ سُبۡحَٰنَكَمَا يَكُونُ لِيٓ أَنۡ أَقُولَ مَا لَيۡسَ لِي بِحَقٍّۚ إِن كُنتُ قُلۡتُهُۥ فَقَدۡ عَلِمۡتَهُۥۚ تَعۡلَمُ مَا فِي نَفۡسِي وَلَآ أَعۡلَمُ مَا فِينَفۡسِكَۚ إِنَّكَ أَنتَ عَلَّـٰمُ ٱلۡغُيُوبِ

الأورومية | afaan oromoo

Guyyaa Qiyaamaa ogga Rabbiin Iisaadhaan dubbatee yaa Iisaa ilma Maryam! Sila ati namootaan anaafi haadha tiyya Rabbii gaditti gabbaramoo taasifadhaa jetteettaa? jedhu yaadadhu. Iisaan Rabbii isaa qulqulleessee ni jedhe: dhugaa malee isaanitti himuun anaaf hin barbaachisu. Odoon jedheera taee ati sana beekteetta; homaa si hin dhokatu waan taeef. Waan ani lubbuu kiyya keessatti dhoksu ni beekta. Waan lubbuu kee keessaa hin beeku. Kan waan fagoo, waan dhokataafi ifa galaa hunda akkaan beeku si qofa.