وَٱذۡكُرۡ فِي ٱلۡكِتَٰبِ مَرۡيَمَ إِذِ ٱنتَبَذَتۡ مِنۡ أَهۡلِهَا مَكَانٗا شَرۡقِيّٗا
الأورومية | afaan oromoo
PYaa Ergamichaa! Qur`aana sirratti buufame keessatti waa`ee Maryam dubbadhu. Yeroo maatii ishee irraa gara bahaa bakka jirutti qophaa baatu
فَٱتَّخَذَتۡ مِن دُونِهِمۡ حِجَابٗا فَأَرۡسَلۡنَآ إِلَيۡهَا رُوحَنَا فَتَمَثَّلَ لَهَا بَشَرٗا سَوِيّٗا
الأورومية | afaan oromoo
QYeroo Rabbiin gabbartu akka namni ishee hin argineef ummata ishee irraa waan ishee golgu godhatte. Jibriiliin gara isheetti ergine. Suuraa nama uumamni isaa wal qixxaahe fakkaatee itti dhufe. Waan hamaa waan itti yaadu seetee sodaatte.
قَالَتۡ إِنِّيٓ أَعُوذُ بِٱلرَّحۡمَٰنِ مِنكَ إِن كُنتَ تَقِيّٗا
الأورومية | afaan oromoo
RSuuraa nama uumamni isaa walqixxaate (dargaggeessa bareedaa)ta`ee yeroo gara isheetti dhufu yemmuu argitu, yaa namicha nana! nama Rabbiin sodaatu yoo taate akka hamaan tokko sirraa na hin xuqne Al-Rahmaanitti baqadhe jette.
قَالَ إِنَّمَآ أَنَا۠ رَسُولُ رَبِّكِ لِأَهَبَ لَكِ غُلَٰمٗا زَكِيّٗا
الأورومية | afaan oromoo
SJibriil (as): an namaa miti. An ergamaa Gooftaa kee biraa ergame. Ilma qulqulluu bareedaa ta`e akkan sii kennu gara keetti na erge jedhe.
قَالَتۡ أَنَّىٰ يَكُونُ لِي غُلَٰمٞ وَلَمۡ يَمۡسَسۡنِي بَشَرٞ وَلَمۡ أَكُ بَغِيّٗا
الأورومية | afaan oromoo
TMaryam haala ajaa`ibsiifatteen: Ilma ni argadha jechuutti an sagaagaltuu miti. Egaa akkamitti odoo irsi yookiin namni biraa na bira hin gahin ilma argadh? Jette.
قَالَ كَذَٰلِكِ قَالَ رَبُّكِ هُوَ عَلَيَّ هَيِّنٞۖ وَلِنَجۡعَلَهُۥٓ ءَايَةٗ لِّلنَّاسِ وَرَحۡمَةٗ مِّنَّاۚ وَكَانَ أَمۡرٗا مَّقۡضِيّٗا
الأورومية | afaan oromoo
UDubbiin akkuma ati jette. Dhuguma irsi yookiin dhiirri biraa si bira hin geenye. Akkasumas ati sagaagaltuu miti; garuu Gooftaan kee: abbaa malee ilmaa argamsiisuun narratti salphaadha. Ilmi sii kennamus dandeettii Rabbii irratti namootaaf mallattoo akka ta`uufi akkasumas siifi namoota isatti amaneef marartee Nu biraa ta`e akka ta`uufi. Uumamni ilma kee kanaa murtee Rabbiin biraa murteeffameefi Lawhal Mahfuuz keessattis barreeffamee kan jiruudha jedheen.
۞فَحَمَلَتۡهُ فَٱنتَبَذَتۡ بِهِۦ مَكَانٗا قَصِيّٗا
الأورومية | afaan oromoo
VMaleykichii erga itti hafuufeen booda isa ulfoofte. Achiin ulfa sanaan namoota irraa gara bakka fagootti siqxe.
فَأَجَآءَهَا ٱلۡمَخَاضُ إِلَىٰ جِذۡعِ ٱلنَّخۡلَةِ قَالَتۡ يَٰلَيۡتَنِي مِتُّ قَبۡلَ هَٰذَا وَكُنتُ نَسۡيٗا مَّنسِيّٗا
الأورومية | afaan oromoo
WCiniinfuun ishee qabee gara hundee nakhliitti ishee buute. Waan fokkataan shakkamuurra utuun kanaan dura du`ee irraanfatamee jiraadhe jette.
فَنَادَىٰهَا مِن تَحۡتِهَآ أَلَّا تَحۡزَنِي قَدۡ جَعَلَ رَبُّكِ تَحۡتَكِ سَرِيّٗا
الأورومية | afaan oromoo
XAchiin Iisaan jala miila isheetii ishee waamee: hin gaddin. Rabbiin dhugumaan laga coree (xiqqoo) isa irraa dhugdu sii godheera jedheen.
وَهُزِّيٓ إِلَيۡكِ بِجِذۡعِ ٱلنَّخۡلَةِ تُسَٰقِطۡ عَلَيۡكِ رُطَبٗا جَنِيّٗا
الأورومية | afaan oromoo
Y Hundee nakhlichaas qabii raasi. Isheeta tamrii yeruma sana bilchaate gadi sitti buufti.
فَكُلِي وَٱشۡرَبِي وَقَرِّي عَيۡنٗاۖ فَإِمَّا تَرَيِنَّ مِنَ ٱلۡبَشَرِ أَحَدٗا فَقُولِيٓ إِنِّي نَذَرۡتُ لِلرَّحۡمَٰنِ صَوۡمٗا فَلَنۡ أُكَلِّمَٱلۡيَوۡمَ إِنسِيّٗا
الأورومية | afaan oromoo
ZIsheeta tamrii irraayis nyaadhu; bishaan irraayis dhugi; ilma deesseenis gammadi; womaa hin gaddin. Namoota keessaa mucaa kana ilaalchisee nama si gaafatuu: an Gooftaa kiyyaaf dubbachuu dhiisuu of irratti dirqama godheera. Kanaafuu har`a namtokkollee hin haasofsiisu jedhi.
فَأَتَتۡ بِهِۦ قَوۡمَهَا تَحۡمِلُهُۥۖ قَالُواْ يَٰمَرۡيَمُ لَقَدۡ جِئۡتِ شَيۡـٔٗا فَرِيّٗا
الأورومية | afaan oromoo
aMaryam mucaa ishee baattee ummata isheetti dhufte. Ummanni ishees (waan argan kana) haala jibbaniin: yaa Maryam: ilmoo abbaa hin qabne fuutee dhufuu keetiin dhugumaan dubbii cimaa ta`e fiddeetta.
يَـٰٓأُخۡتَ هَٰرُونَ مَا كَانَ أَبُوكِ ٱمۡرَأَ سَوۡءٖ وَمَا كَانَتۡ أُمُّكِ بَغِيّٗا
الأورومية | afaan oromoo
Yaa ishee ibaadaadhaan Haaruunin fakkaattuu! (Haaruun gabricha gaarii ta`ee dha) abbaan kee nama zinaa godhu hin turre; haatii keetis kan zinaa feetu hin taane. Ati immoo maatii qulqulluu gaarummaadhaan beekaman irraa argamteedhahoo akkamitti ilma abbaa hin qabne nutti fidde?“ jedhan.
فَأَشَارَتۡ إِلَيۡهِۖ قَالُواْ كَيۡفَ نُكَلِّمُ مَن كَانَ فِي ٱلۡمَهۡدِ صَبِيّٗا
الأورومية | afaan oromoo
cAchiin gara ilma ishee Iisaatti haala inni baatamee jiruun akeekte. Achiin ummanni ishee haala ajaa`ibsiifataniin: daa`ima baatamee jiru akkamitti haasofsiifna isheedhaan jedhan.
قَالَ إِنِّي عَبۡدُ ٱللَّهِ ءَاتَىٰنِيَ ٱلۡكِتَٰبَ وَجَعَلَنِي نَبِيّٗا
الأورومية | afaan oromoo
dIisaan (as): ni jedhe: an gabricha Rabbiiti; Injiiliin naa kenneera; nabiyyoota isaa keessaayis isa tokko na godheera.
وَجَعَلَنِي مُبَارَكًا أَيۡنَ مَا كُنتُ وَأَوۡصَٰنِي بِٱلصَّلَوٰةِ وَٱلزَّكَوٰةِ مَا دُمۡتُ حَيّٗا
الأورومية | afaan oromoo
eEessumayyu yoon jiraadhe gabrootaaf bu`aa guddaa kan buusu na godheera. Hangan lubbuun jirutti salaata salaatuufi zakaa kennutti na ajaje.
وَبَرَّۢا بِوَٰلِدَتِي وَلَمۡ يَجۡعَلۡنِي جَبَّارٗا شَقِيّٗا
الأورومية | afaan oromoo
fHaadha kiyyaaf nama tola oolu na godhe; ibaadaa Gooftaa kiyyaa irraa nama of guddisuufi nama isaan buluu didu nah in goone.
وَٱلسَّلَٰمُ عَلَيَّ يَوۡمَ وُلِدتُّ وَيَوۡمَ أَمُوتُ وَيَوۡمَ أُبۡعَثُ حَيّٗا
الأورومية | afaan oromoo
gShayxaanaafi deeggartoota isaa irraa guyyaa dhaloota kiyyaa, guyyaan du`uufi guyyaa fayyaa ta`ee kaafamus nagaa ta`uun naaf jira. Guyaa mukuu kana sadan shayxaanni nah in xuqne jedhe.
ذَٰلِكَ عِيسَى ٱبۡنُ مَرۡيَمَۖ قَوۡلَ ٱلۡحَقِّ ٱلَّذِي فِيهِ يَمۡتَرُونَ
الأورومية | afaan oromoo
hInni bifa kanaan ibsame kun Iisaa Ilma Maryam. Haasaan dhugaan keessa jiru haasaa kana. Dubbiin akka warri jallattoonni waa`ee kiyya ilaalchisee shakkanuufi waldhabanu jedhanu hintaane.
مَا كَانَ لِلَّهِ أَن يَتَّخِذَ مِن وَلَدٖۖ سُبۡحَٰنَهُۥٓۚ إِذَا قَضَىٰٓ أَمۡرٗا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُۥ كُن فَيَكُونُ
الأورومية | afaan oromoo
iIlmoo qabaachuun Rabbiif kan maluu miti. Inni kana irraa qulqullaaheeraa. Dubbii tokko yeroo fedhe kan isa gahu dubbii sanaan ta`i jechuu qofa filannoo tokko malee achumaan ta`a. Egaa Gooftaan akkanaa ilmoo irraa qulqulaahaadha.
