التصنيفات
القرآن الكريم

المختصر في التفسير afaan oromoo سورة [التحريم]

وَمَرۡيَمَ ٱبۡنَتَ عِمۡرَٰنَ ٱلَّتِيٓ أَحۡصَنَتۡ فَرۡجَهَا فَنَفَخۡنَا فِيهِ مِن رُّوحِنَا وَصَدَّقَتۡ بِكَلِمَٰتِ رَبِّهَا وَكُتُبِهِۦوَكَانَتۡ مِنَ ٱلۡقَٰنِتِينَ

الأورومية | afaan oromoo

L Rabbiin warra Isaafi ergamoota Isaatti amaneef haala Maryam Bint Imraan ishee qaama ishee sagaagalummaa irraa tiksiteen fakkeenya godhe. Rabbiin qaama ishee keessatti akka afuufu Jibriil ajajnaan dandeettii Rabbiitiin Iisaa Bin Maryam abbaan malee ulfoofte, Shariiaa Rabbiifi kitaabban Isaa kan ergamoota irratti buufamniis ni dhugoomsite. Ajaja Rabbii fudhattanii dhorgaa Isaa irraa of qabuun warra Rabbiin sodaatan irraa taate. 

التصنيفات
القرآن الكريم

المختصر في التفسير afaan oromoo سورة [المؤمنون]

وَجَعَلۡنَا ٱبۡنَ مَرۡيَمَ وَأُمَّهُۥٓ ءَايَةٗ وَءَاوَيۡنَٰهُمَآ إِلَىٰ رَبۡوَةٖ ذَاتِ قَرَارٖ وَمَعِينٖ

الأورومية | afaan oromoo

x Iisaa ilma Maryamiifi haadha isaa mallattoo dandeettii keenyarratti akeekan taasifne. Abbaan maleetti isa ulfoomte. Dachii lafa irraa ol fuudhamaa wal qixxaaaa irra taauuf mijaaurra rra isaan qubachiifne. Isa keessa bishaan yaau hahhaaromutu jira. 

التصنيفات
القرآن الكريم

المختصر في التفسير afaan oromoo سورة [الأنبياء]

وَٱلَّتِيٓ أَحۡصَنَتۡ فَرۡجَهَا فَنَفَخۡنَا فِيهَا مِن رُّوحِنَا وَجَعَلۡنَٰهَا وَٱبۡنَهَآ ءَايَةٗ لِّلۡعَٰلَمِينَ

الأورومية | afaan oromoo

mYaa Ergamichaa! Maryamiin ishee qaama ishee zinaa irraa eegde sana dubbadhu. Rabbiin Jibriiliin isheetti erge. Achiin ishee keessatti afuufnaan Iisaa ulfoofte. Isheeniifi ilmi ishee Iisaan, namootaaf dandeettii Rabbii irratti mallattoo turan. Rabbiin abbaa malee isa uumuun, womaa akka isatti hin jabaanne argisiisa. 

التصنيفات
القرآن الكريم

المختصر في التفسير afaan oromoo سورة [مريم]

وَٱذۡكُرۡ فِي ٱلۡكِتَٰبِ مَرۡيَمَ إِذِ ٱنتَبَذَتۡ مِنۡ أَهۡلِهَا مَكَانٗا شَرۡقِيّٗا

الأورومية | afaan oromoo

PYaa Ergamichaa! Qur`aana sirratti buufame keessatti waa`ee Maryam dubbadhu. Yeroo maatii ishee irraa gara bahaa bakka jirutti qophaa baatu

فَٱتَّخَذَتۡ مِن دُونِهِمۡ حِجَابٗا فَأَرۡسَلۡنَآ إِلَيۡهَا رُوحَنَا فَتَمَثَّلَ لَهَا بَشَرٗا سَوِيّٗا

الأورومية | afaan oromoo

QYeroo Rabbiin gabbartu akka namni ishee hin argineef ummata ishee irraa waan ishee golgu godhatte. Jibriiliin gara isheetti ergine. Suuraa nama uumamni isaa wal qixxaahe fakkaatee itti dhufe. Waan hamaa waan itti yaadu seetee sodaatte. 

قَالَتۡ إِنِّيٓ أَعُوذُ بِٱلرَّحۡمَٰنِ مِنكَ إِن كُنتَ تَقِيّٗا

الأورومية | afaan oromoo

RSuuraa nama uumamni isaa walqixxaate (dargaggeessa bareedaa)ta`ee yeroo gara isheetti dhufu yemmuu argitu, yaa namicha nana! nama Rabbiin sodaatu yoo taate akka hamaan tokko sirraa na hin xuqne Al-Rahmaanitti baqadhe jette. 

قَالَ إِنَّمَآ أَنَا۠ رَسُولُ رَبِّكِ لِأَهَبَ لَكِ غُلَٰمٗا زَكِيّٗا

الأورومية | afaan oromoo

SJibriil (as): an namaa miti. An ergamaa Gooftaa kee biraa ergame. Ilma qulqulluu bareedaa ta`e akkan sii kennu gara keetti na erge jedhe. 

قَالَتۡ أَنَّىٰ يَكُونُ لِي غُلَٰمٞ وَلَمۡ يَمۡسَسۡنِي بَشَرٞ وَلَمۡ أَكُ بَغِيّٗا

الأورومية | afaan oromoo

TMaryam haala ajaa`ibsiifatteen: Ilma ni argadha jechuutti an sagaagaltuu miti. Egaa akkamitti odoo irsi yookiin namni biraa na bira hin gahin ilma argadh? Jette. 

قَالَ كَذَٰلِكِ قَالَ رَبُّكِ هُوَ عَلَيَّ هَيِّنٞۖ وَلِنَجۡعَلَهُۥٓ ءَايَةٗ لِّلنَّاسِ وَرَحۡمَةٗ مِّنَّاۚ وَكَانَ أَمۡرٗا مَّقۡضِيّٗا

الأورومية | afaan oromoo

UDubbiin akkuma ati jette. Dhuguma irsi yookiin dhiirri biraa si bira hin geenye. Akkasumas ati sagaagaltuu miti; garuu Gooftaan kee: abbaa malee ilmaa argamsiisuun narratti salphaadha. Ilmi sii kennamus dandeettii Rabbii irratti namootaaf mallattoo akka ta`uufi akkasumas siifi namoota isatti amaneef marartee Nu biraa ta`e akka ta`uufi. Uumamni ilma kee kanaa murtee Rabbiin biraa murteeffameefi Lawhal Mahfuuz keessattis barreeffamee kan jiruudha jedheen. 

۞فَحَمَلَتۡهُ فَٱنتَبَذَتۡ بِهِۦ مَكَانٗا قَصِيّٗا

الأورومية | afaan oromoo

VMaleykichii erga itti hafuufeen booda isa ulfoofte. Achiin ulfa sanaan namoota irraa gara bakka fagootti siqxe. 

فَأَجَآءَهَا ٱلۡمَخَاضُ إِلَىٰ جِذۡعِ ٱلنَّخۡلَةِ قَالَتۡ يَٰلَيۡتَنِي مِتُّ قَبۡلَ هَٰذَا وَكُنتُ نَسۡيٗا مَّنسِيّٗا

الأورومية | afaan oromoo

WCiniinfuun ishee qabee gara hundee nakhliitti ishee buute. Waan fokkataan shakkamuurra utuun kanaan dura du`ee irraanfatamee jiraadhe jette. 

فَنَادَىٰهَا مِن تَحۡتِهَآ أَلَّا تَحۡزَنِي قَدۡ جَعَلَ رَبُّكِ تَحۡتَكِ سَرِيّٗا

الأورومية | afaan oromoo

XAchiin Iisaan jala miila isheetii ishee waamee: hin gaddin. Rabbiin dhugumaan laga coree (xiqqoo) isa irraa dhugdu sii godheera jedheen. 

وَهُزِّيٓ إِلَيۡكِ بِجِذۡعِ ٱلنَّخۡلَةِ تُسَٰقِطۡ عَلَيۡكِ رُطَبٗا جَنِيّٗا

الأورومية | afaan oromoo

Y Hundee nakhlichaas qabii raasi. Isheeta tamrii yeruma sana bilchaate gadi sitti buufti. 

فَكُلِي وَٱشۡرَبِي وَقَرِّي عَيۡنٗاۖ فَإِمَّا تَرَيِنَّ مِنَ ٱلۡبَشَرِ أَحَدٗا فَقُولِيٓ إِنِّي نَذَرۡتُ لِلرَّحۡمَٰنِ صَوۡمٗا فَلَنۡ أُكَلِّمَٱلۡيَوۡمَ إِنسِيّٗا

الأورومية | afaan oromoo

ZIsheeta tamrii irraayis nyaadhu; bishaan irraayis dhugi; ilma deesseenis gammadi; womaa hin gaddin. Namoota keessaa mucaa kana ilaalchisee nama si gaafatuu: an Gooftaa kiyyaaf dubbachuu dhiisuu of irratti dirqama godheera. Kanaafuu har`a namtokkollee hin haasofsiisu jedhi. 

فَأَتَتۡ بِهِۦ قَوۡمَهَا تَحۡمِلُهُۥۖ قَالُواْ يَٰمَرۡيَمُ لَقَدۡ جِئۡتِ شَيۡـٔٗا فَرِيّٗا

الأورومية | afaan oromoo

aMaryam mucaa ishee baattee ummata isheetti dhufte. Ummanni ishees (waan argan kana) haala jibbaniin: yaa Maryam: ilmoo abbaa hin qabne fuutee dhufuu keetiin dhugumaan dubbii cimaa ta`e fiddeetta. 

يَـٰٓأُخۡتَ هَٰرُونَ مَا كَانَ أَبُوكِ ٱمۡرَأَ سَوۡءٖ وَمَا كَانَتۡ أُمُّكِ بَغِيّٗا

الأورومية | afaan oromoo

Yaa ishee ibaadaadhaan Haaruunin fakkaattuu! (Haaruun gabricha gaarii ta`ee dha) abbaan kee nama zinaa godhu hin turre; haatii keetis kan zinaa feetu hin taane. Ati immoo maatii qulqulluu gaarummaadhaan beekaman irraa argamteedhahoo akkamitti ilma abbaa hin qabne nutti fidde? jedhan. 

فَأَشَارَتۡ إِلَيۡهِۖ قَالُواْ كَيۡفَ نُكَلِّمُ مَن كَانَ فِي ٱلۡمَهۡدِ صَبِيّٗا

الأورومية | afaan oromoo

cAchiin gara ilma ishee Iisaatti haala inni baatamee jiruun akeekte. Achiin ummanni ishee haala ajaa`ibsiifataniin: daa`ima baatamee jiru akkamitti haasofsiifna isheedhaan jedhan. 

قَالَ إِنِّي عَبۡدُ ٱللَّهِ ءَاتَىٰنِيَ ٱلۡكِتَٰبَ وَجَعَلَنِي نَبِيّٗا

الأورومية | afaan oromoo

dIisaan (as): ni jedhe: an gabricha Rabbiiti; Injiiliin naa kenneera; nabiyyoota isaa keessaayis isa tokko na godheera. 

وَجَعَلَنِي مُبَارَكًا أَيۡنَ مَا كُنتُ وَأَوۡصَٰنِي بِٱلصَّلَوٰةِ وَٱلزَّكَوٰةِ مَا دُمۡتُ حَيّٗا

الأورومية | afaan oromoo

eEessumayyu yoon jiraadhe gabrootaaf bu`aa guddaa kan buusu na godheera. Hangan lubbuun jirutti salaata salaatuufi zakaa kennutti na ajaje. 

وَبَرَّۢا بِوَٰلِدَتِي وَلَمۡ يَجۡعَلۡنِي جَبَّارٗا شَقِيّٗا

الأورومية | afaan oromoo

fHaadha kiyyaaf nama tola oolu na godhe; ibaadaa Gooftaa kiyyaa irraa nama of guddisuufi nama isaan buluu didu nah in goone. 

وَٱلسَّلَٰمُ عَلَيَّ يَوۡمَ وُلِدتُّ وَيَوۡمَ أَمُوتُ وَيَوۡمَ أُبۡعَثُ حَيّٗا

الأورومية | afaan oromoo

gShayxaanaafi deeggartoota isaa irraa guyyaa dhaloota kiyyaa, guyyaan du`uufi guyyaa fayyaa ta`ee kaafamus nagaa ta`uun naaf jira. Guyaa mukuu kana sadan shayxaanni nah in xuqne jedhe. 

ذَٰلِكَ عِيسَى ٱبۡنُ مَرۡيَمَۖ قَوۡلَ ٱلۡحَقِّ ٱلَّذِي فِيهِ يَمۡتَرُونَ

الأورومية | afaan oromoo

hInni bifa kanaan ibsame kun Iisaa Ilma Maryam. Haasaan dhugaan keessa jiru haasaa kana. Dubbiin akka warri jallattoonni waa`ee kiyya ilaalchisee shakkanuufi waldhabanu jedhanu hintaane. 

مَا كَانَ لِلَّهِ أَن يَتَّخِذَ مِن وَلَدٖۖ سُبۡحَٰنَهُۥٓۚ إِذَا قَضَىٰٓ أَمۡرٗا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُۥ كُن فَيَكُونُ

الأورومية | afaan oromoo

iIlmoo qabaachuun Rabbiif kan maluu miti. Inni kana irraa qulqullaaheeraa. Dubbii tokko yeroo fedhe kan isa gahu dubbii sanaan ta`i jechuu qofa filannoo tokko malee achumaan ta`a. Egaa Gooftaan akkanaa ilmoo irraa qulqulaahaadha. 

التصنيفات
القرآن الكريم

المختصر في التفسير afaan oromoo سورة [المائدة]

لَّقَدۡ كَفَرَ ٱلَّذِينَ قَالُوٓاْ إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلۡمَسِيحُ ٱبۡنُ مَرۡيَمَۚ قُلۡ فَمَن يَمۡلِكُ مِنَ ٱللَّهِ شَيۡـًٔا إِنۡ أَرَادَ أَن يُهۡلِكَٱلۡمَسِيحَ ٱبۡنَ مَرۡيَمَ وَأُمَّهُۥ وَمَن فِي ٱلۡأَرۡضِ جَمِيعٗاۗ وَلِلَّهِ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَاۚ يَخۡلُقُ مَايَشَآءُۚ وَٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ

الأورومية | afaan oromoo

Warri nasaaraa irraa Rabbiin Iisaa ilma Maryam jedhan dhugumatti kafaraniiru. Yaa ergamichaa! Eenyumatu yoo Rabbiin Almasiih Iisaa ilma Maryam kanas haadha isaatiifi namoota dachii keessaa hundayyuu dhabamsiisuu yoo fedhe eenyutu Isa dhorguu dandaa? jedhiin. Yeroo namni tokkollee sana hin dandau tae inni gooftaa tokkicha haqaan gabbaramaan isa malee kan hin jirre; uumamni hunduu Iisaafi haadha isaa dabalatee gabricha isaatii akeeka. Mootummaan samii, dachiifi wanta jidduu isaan lamaanii kan Rabbiiti. Waanuma fedhe uuma. Waan inni uumuu fedhee uume keessa tokko Iisaadha; inni gabricha Rabbiitiifi ergamaa Isaati. Rabbiin waan hunda irratti dandaaadha. 

مَّا ٱلۡمَسِيحُ ٱبۡنُ مَرۡيَمَ إِلَّا رَسُولٞ قَدۡ خَلَتۡ مِن قَبۡلِهِ ٱلرُّسُلُ وَأُمُّهُۥ صِدِّيقَةٞۖ كَانَا يَأۡكُلَانِ ٱلطَّعَامَۗ ٱنظُرۡكَيۡفَ نُبَيِّنُ لَهُمُ ٱلۡأٓيَٰتِ ثُمَّ ٱنظُرۡ أَنَّىٰ يُؤۡفَكُونَ

الأورومية | afaan oromoo

W Almasiih ilma Maryam ergamaa ergamoota keessaa tokko tae malee homaa miti. Duuti isaan qunname isas ni qunnama. Haati isaa Maryamaan dhugaa dubbachuufi dhugumeessuu baayatti. Isaan lamaanuu nyaata nyaatu turan. Akkamumatti odoo nyaatatti haajomanuu gabbaramaa tau? Yaa ergamichaa! Akka nuti ragaa tokkummaa Rabbii ibsinuufi dhara isaan daangaa taranii gabbaramummaa waan Rabbiin malee jiruuf kennan dhabamsiisu ibsinu ilaalii xinxali. Isaan kana waliin aayatattii kana mormu. Sana boodas akkamitti akka isaan ragoolee iftuu tokkummaa Rabbii akeektu kanaa waliin haqa irraa deebifamanu ilaalii xinxali. 

إِذۡ قَالَ ٱللَّهُ يَٰعِيسَى ٱبۡنَ مَرۡيَمَ ٱذۡكُرۡ نِعۡمَتِي عَلَيۡكَ وَعَلَىٰ وَٰلِدَتِكَ إِذۡ أَيَّدتُّكَ بِرُوحِ ٱلۡقُدُسِ تُكَلِّمُ ٱلنَّاسَفِي ٱلۡمَهۡدِ وَكَهۡلٗاۖ وَإِذۡ عَلَّمۡتُكَ ٱلۡكِتَٰبَ وَٱلۡحِكۡمَةَ وَٱلتَّوۡرَىٰةَ وَٱلۡإِنجِيلَۖ وَإِذۡ تَخۡلُقُ مِنَ ٱلطِّينِ كَهَيۡـَٔةِ ٱلطَّيۡرِبِإِذۡنِي فَتَنفُخُ فِيهَا فَتَكُونُ طَيۡرَۢا بِإِذۡنِيۖ وَتُبۡرِئُ ٱلۡأَكۡمَهَ وَٱلۡأَبۡرَصَ بِإِذۡنِيۖ وَإِذۡ تُخۡرِجُ ٱلۡمَوۡتَىٰ بِإِذۡنِيۖ وَإِذۡكَفَفۡتُ بَنِيٓ إِسۡرَـٰٓءِيلَ عَنكَ إِذۡ جِئۡتَهُم بِٱلۡبَيِّنَٰتِ فَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِنۡهُمۡ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا سِحۡرٞ مُّبِينٞ

الأورومية | afaan oromoo

Ogga Rabbiin Iisaadhaan dubbatee yaa Iisaa ilma Maryam! Tola kiyya ani sitti oole oggan abbaadhaan malee si uume, tola ani haadha kee Maryam irratti oole oggan dubartoota bara ishee irra caalchisee ishee filadhu sana  yaadadhu. Akkasumas tola kiyya kan ogga Jibriiliin si jabeessinaan daaimummaan gara Rabbitti isaan waamtuufi gaeessummaan namootaan dubbattu, kan ogga ani barreeffama si barsiisuu, Tawraatiin ishee Muusaa irratti buuseefi Injiiliin kan sirratti buuse si barsiise akkasumas iccitii shariiaafi kaayyoo isaa si barsiisu sirratti oole, ammas tola Rabbiin sirratti oole irraa ati dhoqqee irraa boca fakkii allaattii tolchitee ergasii ishee keessatti afuuftee eeyyama kiyyaan allaattii taa; nama jaamummaan dhalate fayyifta; lamxii ni fayyifta; gogaa nagaa godhata; duaaii kee Rabbiin kadhattuun duaa fayyiftu hunda yaadadhu; hundi kunuu eeyyama kiyyaani. Ammas tola ani sirratti oole irraa kan biroo ogga Baniin Israaiil ati ragaa ifaadhaan isaanitti dhufnaan kafaranii wanti Iisaan ittiin dhufe kun sihrii ifaadha jedhanii si ajjeesuu fedhan sirraa deebisuudha.

وَإِذۡ قَالَ ٱللَّهُ يَٰعِيسَى ٱبۡنَ مَرۡيَمَ ءَأَنتَ قُلۡتَ لِلنَّاسِ ٱتَّخِذُونِي وَأُمِّيَ إِلَٰهَيۡنِ مِن دُونِ ٱللَّهِۖ قَالَ سُبۡحَٰنَكَمَا يَكُونُ لِيٓ أَنۡ أَقُولَ مَا لَيۡسَ لِي بِحَقٍّۚ إِن كُنتُ قُلۡتُهُۥ فَقَدۡ عَلِمۡتَهُۥۚ تَعۡلَمُ مَا فِي نَفۡسِي وَلَآ أَعۡلَمُ مَا فِينَفۡسِكَۚ إِنَّكَ أَنتَ عَلَّـٰمُ ٱلۡغُيُوبِ

الأورومية | afaan oromoo

Guyyaa Qiyaamaa ogga Rabbiin Iisaadhaan dubbatee yaa Iisaa ilma Maryam! Sila ati namootaan anaafi haadha tiyya Rabbii gaditti gabbaramoo taasifadhaa jetteettaa? jedhu yaadadhu. Iisaan Rabbii isaa qulqulleessee ni jedhe: dhugaa malee isaanitti himuun anaaf hin barbaachisu. Odoon jedheera taee ati sana beekteetta; homaa si hin dhokatu waan taeef. Waan ani lubbuu kiyya keessatti dhoksu ni beekta. Waan lubbuu kee keessaa hin beeku. Kan waan fagoo, waan dhokataafi ifa galaa hunda akkaan beeku si qofa.

التصنيفات
القرآن الكريم

المختصر في التفسير afaan oromoo سورة [النساء]

وَبِكُفۡرِهِمۡ وَقَوۡلِهِمۡ عَلَىٰ مَرۡيَمَ بُهۡتَٰنًا عَظِيمٗا

الأورومية | afaan oromoo

zSababa kufrii, kijibaafi cubbuun Maryamiin zinaadhaan birachuu isaanii isaan abaarre. 

يَـٰٓأَهۡلَ ٱلۡكِتَٰبِ لَا تَغۡلُواْ فِي دِينِكُمۡ وَلَا تَقُولُواْ عَلَى ٱللَّهِ إِلَّا ٱلۡحَقَّۚ إِنَّمَا ٱلۡمَسِيحُ عِيسَى ٱبۡنُ مَرۡيَمَ رَسُولُٱللَّهِ وَكَلِمَتُهُۥٓ أَلۡقَىٰهَآ إِلَىٰ مَرۡيَمَ وَرُوحٞ مِّنۡهُۖ فَـَٔامِنُواْ بِٱللَّهِ وَرُسُلِهِۦۖ وَلَا تَقُولُواْ ثَلَٰثَةٌۚ ٱنتَهُواْ خَيۡرٗا لَّكُمۡۚ إِنَّمَاٱللَّهُ إِلَٰهٞ وَٰحِدٞۖ سُبۡحَٰنَهُۥٓ أَن يَكُونَ لَهُۥ وَلَدٞۘ لَّهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۗ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ وَكِيلٗا

الأورومية | afaan oromoo

Yaa ergamichaa! Nasaaraa abbootii Injiiliin amantii keessan keessatti daangaa hin tarinaa; waaee Iisaa keessatti dhugaa malee Rabbirratti hin dubbatinaa. Almasiih Iisaan ilma Maryam ergamaa Rabbii kan Inni dhugaan isa ergeedha. Jecha Isaa ishee kallattii Jibriiliin gara Maryam ergeen isa uume. Innis tai kan jedhu ture. Achumaan tae. Ruuhii Rabbiin biraa taate Jibriil ajaja Rabbiitiin isheetti afuufe. Rabbiifi ergamoota Isaa hundattuu amanaa. Gabbaramaan sadii hin jedhinaa. Jecha kijiba badduu kana irraa dhorgamaa. Dhorgamuun keessan addunyaafi aakhiraatti isiniif gaariidha. Rabbiin gabbaramaa tokkicha shariikaafi ilma irraa qulqullaaeedha. Inni dureessa. Mootummaan samii, kan dachiifi waan jidduu isaan lamaanii jiruu kan isaati. Waan samiifi dachii keessa jiruun dhaabbachuudhaaf Rabbiin gahaadha. 

التصنيفات
القرآن الكريم

المختصر في التفسير afaan oromoo سورة [آل عمران]

۞إِنَّ ٱللَّهَ ٱصۡطَفَىٰٓ ءَادَمَ وَنُوحٗا وَءَالَ إِبۡرَٰهِيمَ وَءَالَ عِمۡرَٰنَ عَلَى ٱلۡعَٰلَمِينَ

الأورومية | afaan oromoo

gRabbiin Aadamiin filatee maleykota isaaf sujuuchise. Nuuhiinis filatee jalqaba ergamaa gara dachiitti ergamee taasise. Maatii Ibraahiim filatee nabiyyoota gosa isaa keessaa taasise. Maatii Imraanis filateera. Warra kana hundayyuu filatee ummata bara isaaniirra isaan caalchise. 

ذُرِّيَّةَۢ بَعۡضُهَا مِنۢ بَعۡضٖۗ وَٱللَّهُ سَمِيعٌ عَلِيمٌ

الأورومية | afaan oromoo

hNabiyyoonniifi ilmaan isaanii isaan hordofan irraa warri dubbataman kun isaan ilmaan gariin isaanii garii irraa Rabbiin tokkoomsuufi hojii gaarii irratti wal irraa dhufaniidha. Garii isaanii irraa kabajaafi haala gaarii dhaalu. Rabbiin dubbii gabroottan isaa dhagahaadha; gocha isaaniis beekaadha. Kanaafuu isaan irraa abbaa fedhe filata. 

إِذۡ قَالَتِ ٱمۡرَأَتُ عِمۡرَٰنَ رَبِّ إِنِّي نَذَرۡتُ لَكَ مَا فِي بَطۡنِي مُحَرَّرٗا فَتَقَبَّلۡ مِنِّيٓۖ إِنَّكَ أَنتَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ

الأورومية | afaan oromoo

Yaa ergamichaa! ogga niitiin Imraan haati Maryam yaa Rabbiin ani ulfa garaa kiyya keessa jiru waan hunda irraa bilisa taee ibaadaa keetiifi mana kee tajaajiluudhaaf suma qofaaf taasisuu dirqama of irratti godheera; narraa qeebali. Ati duaaii dhagahaadha; niyyaa kiyyas beekaadha jette san dubbadhu. 

فَلَمَّا وَضَعَتۡهَا قَالَتۡ رَبِّ إِنِّي وَضَعۡتُهَآ أُنثَىٰ وَٱللَّهُ أَعۡلَمُ بِمَا وَضَعَتۡ وَلَيۡسَ ٱلذَّكَرُ كَٱلۡأُنثَىٰۖ وَإِنِّيسَمَّيۡتُهَا مَرۡيَمَ وَإِنِّيٓ أُعِيذُهَا بِكَ وَذُرِّيَّتَهَا مِنَ ٱلشَّيۡطَٰنِ ٱلرَّجِيمِ

الأورومية | afaan oromoo

Ogga deessu, duraan dhiira tauu isaa kajeelaa turte, yaa Rabbi ani dubran dahejette. Rabbiin waan isheen deesse akkaan beeka. Dhiirri inni isheen hawwaa turte humnaafi uumama keessatti akka dubra isheedhaaf kennameetii miti. Ani maqaashee Maryam jedheen ishee moggaase; ani isheefi ilmaan ishee shayxaana rahmata kee irraa ariame irraa siinin tiksa jette. 

فَتَقَبَّلَهَا رَبُّهَا بِقَبُولٍ حَسَنٖ وَأَنۢبَتَهَا نَبَاتًا حَسَنٗا وَكَفَّلَهَا زَكَرِيَّاۖ كُلَّمَا دَخَلَ عَلَيۡهَا زَكَرِيَّا ٱلۡمِحۡرَابَ وَجَدَعِندَهَا رِزۡقٗاۖ قَالَ يَٰمَرۡيَمُ أَنَّىٰ لَكِ هَٰذَاۖ قَالَتۡ هُوَ مِنۡ عِندِ ٱللَّهِۖ إِنَّ ٱللَّهَ يَرۡزُقُ مَن يَشَآءُ بِغَيۡرِ حِسَابٍ

الأورومية | afaan oromoo

kRabbiin nazrii ishee qeebaltii gaariidhaan irraa qeebale. Guddina gaarii ishee guddise. Qalbiin warreen gaggaarii hunduu ishee mararfate. Guddisa ishee gara Zakariyyaatti dabse. Zakariyyaan hanguma bakka ibaadaatti isheerra seenuun ishee biratti soorata gaarii arge. Isheedhaan yaa Maryam kun eessaa siif argame?jedhe. Deebii isaa keessatti sooranni kun Rabbiin biraayi; Rabbiin abbaa fedhe herregaan maleetti soorata balaa soora jette. 

وَإِذۡ قَالَتِ ٱلۡمَلَـٰٓئِكَةُ يَٰمَرۡيَمُ إِنَّ ٱللَّهَ ٱصۡطَفَىٰكِ وَطَهَّرَكِ وَٱصۡطَفَىٰكِ عَلَىٰ نِسَآءِ ٱلۡعَٰلَمِينَ

الأورومية | afaan oromoo

pYaa ergamichaa! Ogga Maleykaan Maryamiin sababa amala gaarii ati qabduuf Rabbiin si filate; hanqina irraa si qulqulleesse; dubartoota bara keetii hundarras si filate jettu ummataaf dubbadhu. 

يَٰمَرۡيَمُ ٱقۡنُتِي لِرَبِّكِ وَٱسۡجُدِي وَٱرۡكَعِي مَعَ ٱلرَّـٰكِعِينَ

الأورومية | afaan oromoo

qYaa Maryam! Salaata keessa dhaabachuu baayisi; Rabbii keetiif sujuudi. Gabroottan Isaa gaggaarii warra rukuua buan waliin rukuua bui. 

ذَٰلِكَ مِنۡ أَنۢبَآءِ ٱلۡغَيۡبِ نُوحِيهِ إِلَيۡكَۚ وَمَا كُنتَ لَدَيۡهِمۡ إِذۡ يُلۡقُونَ أَقۡلَٰمَهُمۡ أَيُّهُمۡ يَكۡفُلُ مَرۡيَمَ وَمَا كُنتَلَدَيۡهِمۡ إِذۡ يَخۡتَصِمُونَ

الأورومية | afaan oromoo

rOduun waaee Zakariyyaafi Maryam sitti dubbannu kun oduu fagoo irraayi gara keetti beeksisa godhaarra. Ogga beektoleefi warri gaggaariin eenyu akka Maryamiin guddisuu qabu irratti wal falman isaan bira hin jirtu. Isaan hixaa buufatan. Carrachaan Zakariyyaatu milkaae. 

إِذۡ قَالَتِ ٱلۡمَلَـٰٓئِكَةُ يَٰمَرۡيَمُ إِنَّ ٱللَّهَ يُبَشِّرُكِ بِكَلِمَةٖ مِّنۡهُ ٱسۡمُهُ ٱلۡمَسِيحُ عِيسَى ٱبۡنُ مَرۡيَمَ وَجِيهٗا فِيٱلدُّنۡيَا وَٱلۡأٓخِرَةِ وَمِنَ ٱلۡمُقَرَّبِينَ

الأورومية | afaan oromoo

Yaa ergamichaa! Ogga maleykaan Maryamiin Rabbiin ilma uumamni isaa abbaadhaan malee kan jechuma Rabbii tai jedhu qofaan ilmoo tauun si gammachiisa; maqaan daaima kanaa Iisaa ilma Maryami. Inni addunyaafi aakhiraatti kabajaa guddaa qaba. Warra gara Rabbii dhiheeffamu irraayi taasjettu yaadadhu. 

وَيُكَلِّمُ ٱلنَّاسَ فِي ٱلۡمَهۡدِ وَكَهۡلٗا وَمِنَ ٱلصَّـٰلِحِينَ

الأورومية | afaan oromoo

tOdoo daaima xiqqoo dubbachuu hin geenye taee jiruu namootaan dubbata. Ammas gaeessas taee ogga humni isaa guute namootaan ni dubbata. Waan addunyaafi aakhiraa isaaniitti buaa namootaaf qabu isaanitti dubbata. Inni jechaafi gocha isaa keessatti warreen gaggaarii irraayi. 

قَالَتۡ رَبِّ أَنَّىٰ يَكُونُ لِي وَلَدٞ وَلَمۡ يَمۡسَسۡنِي بَشَرٞۖ قَالَ كَذَٰلِكِ ٱللَّهُ يَخۡلُقُ مَا يَشَآءُۚ إِذَا قَضَىٰٓ أَمۡرٗا فَإِنَّمَايَقُولُ لَهُۥ كُن فَيَكُونُ

الأورومية | afaan oromoo

Maryam akkamumattin abbaa manaatiin maleetti ilma argadha jechuu ajaaibsiifattee odoo dhiirri tokkollee halaalaan taee haraamaan natti hin dhihaatin akkamumattin ilma argadha? jette. Maleykachis Rabbiin akkuma abbaadhaan maleetti ilmoo siif uumuuf jiru waan aadaa faallessu waan fedhe uuma. Yeroo waan tokko fedhe tai jennaan taa; wanti isa dadhabsiisu hin jirujedhe. 

وَيُعَلِّمُهُ ٱلۡكِتَٰبَ وَٱلۡحِكۡمَةَ وَٱلتَّوۡرَىٰةَ وَٱلۡإِنجِيلَ

الأورومية | afaan oromoo

vBarreeffama, jechaafi gocha keessatti dhugaa qunnamuu isa barsiisa; Tawraatiin isa Muusaa irratti buuses isa barsiisa. Injiiliin kan siichi isarratti buusuu taaus isa barsiisa. 

التصنيفات
القرآن الكريم

المختصر في التفسير አማርኛ سورة [التحريم]

وَمَرۡيَمَ ٱبۡنَتَ عِمۡرَٰنَ ٱلَّتِيٓ أَحۡصَنَتۡ فَرۡجَهَا فَنَفَخۡنَا فِيهِ مِن رُّوحِنَا وَصَدَّقَتۡ بِكَلِمَٰتِ رَبِّهَا وَكُتُبِهِۦوَكَانَتۡ مِنَ ٱلۡقَٰنِتِينَ

الأمهرية | አማርኛ

አላህ በእሱና በመልእክተኞቹ ላመኑ ምእመናን የዒምራን ልጅ የሆነችውን መርየምን ምሳሌአደረገ። ብልቷን ከዝሙት የጠበቀች፣ አላህ ጂብሪልን በሷ ላይ ትንፋሹን እንዲነፋባትአደረገ። በዚህም ጊዜ በአላህ ውሳኔ ያለ አባት ዒሳን ፀነሰች። በአላህ ድንጋጌዎችናለመልእክተኞች በወረዱ መጻሕፍትም አመነች።የአላህን ትዕዛዝ በመተግበርና የከለከለውንበመከልከል ፍፁም አላህን ከሚታዘዙ ባሮች ነበረች።

التصنيفات
القرآن الكريم

المختصر في التفسير አማርኛ سورة [المؤمنون]

وَجَعَلۡنَا ٱبۡنَ مَرۡيَمَ وَأُمَّهُۥٓ ءَايَةٗ وَءَاوَيۡنَٰهُمَآ إِلَىٰ رَبۡوَةٖ ذَاتِ قَرَارٖ وَمَعِينٖ

الأمهرية | አማርኛ

ዒሳ የመርየምን ልጅ እና እናቱን መርየምን ካለ አባት በመፅነሷ ስለ ችሎታችን አስረጂአደረግናቸው። ሁለቱንም ከምድር ከፍ ያለ፣ የተደላደለ ለመኖሪያነት የተመቻቸ እና ዘወትርየሚፈልቅ ምንጭ የሚገኝበት ቦታ ላይ አሳረፍናቸው።

التصنيفات
القرآن الكريم

المختصر في التفسير አማርኛ سورة [الأنبياء]

وَٱلَّتِيٓ أَحۡصَنَتۡ فَرۡجَهَا فَنَفَخۡنَا فِيهَا مِن رُّوحِنَا وَجَعَلۡنَٰهَا وَٱبۡنَهَآ ءَايَةٗ لِّلۡعَٰلَمِينَ

الأمهرية | አማርኛ

አንተ መልእክተኛ ሆይብልቷን ከዝሙት ስለጠበቀችው መርየም ታሪክ አውሳ፤ አላህጂብሪልን (ዐለይሂ አሰላም) ወደ እሷ በመላክ ነፋባትና ዒሳን (ዐለይሂ አሰላም) ጸነሰች፤እርሷና ልጇን ዒሳንም ለሰዎች የአላህ ኃያልነትና እና ካለ አባትም እርሱን በመፍጠሩም አላህምንም እንደማይሳነው ማሳያ ነበሩ።